Islaamummaa Seenaa Itiyoophiyaa

Qopheessadhaan kan Qindaa’e

Mata-dureen “Islaamummaa Seenaa Itiyoophiyaa” jedhu kun ka’umsi seenaa sochii Musliimotaa yeroo ammaa kana Itiyoophiyaa keessatti ta’aa jiru maal akka ta’e agarsiisuf kan qophaa’edha. Biyyi Itiyoophiyaa jedhamtu tuni seenaa keessatti Islaamummaa akkamitti keessummeessite? Hordoftoota amantaa Islaamummaa waliin akkamitti jiraatte? Hordoftoonni Islaamaa biyyattii tana keessatti akkamitti jiraatan? Seenaa Itiyoophiyaa keessatti Musliimonni gaheen isaan taphatan maal fakkkaata? Ilaalchi fi sochiin isaan qaban maal fakkaata ture? Sochii fi Ilaalchi Musliimotaa kan yeroo ammaa dhugaalee seenaa fi kan amma mul’achaa jiru waliin wal bira qabamanii akkamitti xiinxalamu? Yaadota jedhan mata-duree kana jalatti ilaaluf ni yaalla.

 

 

Islaamummaadhaf Deebii, Afaan Oromoo Fuula Duraa